Jechoota Abbootti Tewaahidoo


Channel's geo and language: not specified, not specified
Category: not specified


"Ilmi waaqaa sirraa dhalatee nama ta'uusattiin sababa keetinis gara Ariyaam Mootumma Waaqayyootti kan dhiyaanne taane maaqa kee fi maqaa Ilma keef kan dhiyaanne taane."
Qulqulluu yaareed

Related channels

Channel's geo and language
not specified, not specified
Category
not specified
Statistics
Posts filter


Dubroo Maariyaam irraa sanyii dhiiraa malee fooniin dhalatee nu fayyise. kan Seexanni dogogorse Hewaaniin "ciniinsuu kee nan sitti baay'isa" jedhee Waaqayyo itti murteesse. Nama jaallachuusaatiin garuu bilisa ishee baase . yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.


Efreem qulqulluun kan barreesse guyyaa Wiixataa kan kadhatamu 
Gooftaa Keenya Kan Deesse Galata Dubroo Maariyaam

Kutaa isa jalqabaa

Gooftaan, kan lapheensaa gadde Addaamiin bilisa baasuu fi iddoosaa duraatti deebisuuf jaallate.
Yaa qulqulleetti nuuf kadhadhu.


"Dhukkuba yihudaan qabamtanii kan dhiphachaa jirtan warreen maallaqa jaalattan na dhaga'aa! Bu'aa maallaqni isin affeeru irraa of egaa! Kiristoos wajjin kan jiraate, ajaa'ibas raawwachaa kan ture, barumsa Gooftaa hundaa isa kan barate yihudaan dhukkuba kana irraa bilisa waan hin taaneef sababa kanaaf gara boolla du'atti akka darbatamee du'u kan taasise; isin warreen sagalee Waaqayyoo dhaga'uudhaaf yeroo hin qabaanne, yeroo hundumaa jireenya addunyaatiin kan qabamtan isin akkamitti hin kufne?"


Qulqulluu Yohaannis Afa Warqee




"Jireenyaan, aangoodhaan Abbaasaa kan walqixxaate samiifi lafarra kan jiraatan hundumtuu kan isaan uumaman nu fayyisuuf jedhee kan samiirraa gad bu'e Kiristoos, qulqulleettii dubroo Maariyaamirraa nama ta'e. Dhufaatii isaatinis nuu ibse."
Qulqulluu Yaareed

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @jechootaabbootti 👈
👉 @jechootaabbootti 👈
☝☝☝☝☝☝☝☝




Channaloota barumsa Amantaa Ortoodoksii Afaan Oromoottiin itti baranuu

#Ortoodoksii Ishee Dhugaa
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @Ortodoksiidhugaa 👈
👉 @Ortodoksiidhugaa 👈
️☝☝☝☝☝☝☝☝☝

#Macaafa Qulqulluu
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @kitaabaqulqulluu 👈
👉 @kitaabaqulqulluu 👈
️☝☝☝☝☝☝☝☝☝

#Jechoota Abbootti Tewaahidoo


👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @jechootaabbootti 👈
👉 @jechootaabbootti 👈
☝☝☝☝☝☝☝☝


"...........Icciitii dinqii waa'ee ishee kan dubbachuuf beekuu kan danda'uu laphee isa kami? Dhaga'uu kan danda'u gurra isa kami?. Nama kan jaallatu Waaqa tokko kan ta'u, Waaqummaan isaa utuu hin jijjiramiin addunyaa kana dura kan ture abbaa biraa jechi dhufee haadha isaa adda kan taate irraa nama ta'e. Erga isa deesseen boodas durbummaan ishee hin jijjiramne. Kanaafuu deessuu waaqayyoo ta'uunshee beekame. ........"
Qulqulluu Efreem


.............. Cubbuu lammiikee akka dhisistuuf Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu biratii siif eeyyamameera. Akkasumas, dhala namaaf riqaa jireenyaa bara baraa akka taatuuf. Yaa qoricha addunyaa lammiikee amantootaaf qorichasaanii jedhamuu qabda. 
Yaa qulqulleettii Ilmikee dhiifamasaa akka nuu kennuuf nuuf kadhadhu.


"Yaa giiftii keenya kadhannaan qulqullootaafi amantoota hundumaa ultuu (Maaxantii) isaanitiin lafaatii gara samiitti kan ittin ol baasan ultuu warqeerraa kan tolfamee harka hangafoota luboota samii keessa jiruun si fakkeessina. "
Qulqulluu Yaareed


"Biishaan bokkaa kan sirraa argame duumessi dhugaa sidhaa. Abbaan mallattoo Ilmasaa si taasise; Afuurri Qulqulluun sirraa bulee, humni Waaqayyoos si golgee, Yaa Maariyaam bara baraan kan jiraattuu jecha Abbaa kan ta'ee Ilma nuuf deesse, dhufees cubbuurraa nufayyise "
Qulqulluu Efreem


Forward from: Caffee Mooraa-Jimmaa
ATI YAA NAMAA.....!
✍Sagalee waaqayyoo baradhu! Yoo jijjiiramuu baattes callisii baradhu! Yeroo hunda baradhu! Of sirreessuu dhiisuu dandeessa, jijjiiramuu dhiisuus dandeessa, garuu baradhu! Yoo xiqqaate nama gaarii ta'uu baattus dandeettii ittiin of ceephaatu ni argatta! Yoo barachuu baatte garuu jijjiiramuu mitii of ceepha'uu iyyuu hin dandeessu! Kanaaf BARADHU! Yoo baratte yoo xiqqaate yammuu cubbuu hojjettu illee of ceepha'aa hojjetta! Kun immoo balbala gaabbii siif taati! Guyyaa tokko gara jireenya gaabbiitti si galchiti!
~~~~~~©~~~~©~~~~~~~~
Q.Yohaannis Afaan warqee

Eebbi isaa hunduma keenya irra haa bulu! Ameen!
^^^^^^^^HORAA BULAA!^^^^^^^^
÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷÷
☔️☔️☔️@waboowjimma☔️☔️☔️


Waaqayyo addunyaa kana waan jaallateef yaa namaa gammadi ; Ilmasaa tokkichatti kan amanan hundumtuu hanga bara baraatii akka fayyaniif isa dabarsee nuuf kenneera waaqayyos irreesa nuuf erge .
yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @jechootaabbootti 👈
👉 @jechootaabbootti 👈
☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️☝️


Forward from: Walaloo Ortodooksii Tewaahidoo A.Q.W.T?⛪️
"Barumsa Abboota keenyaa ni barsiisna, abdii isaaniis abdii taasifanna, kan amannu, kan barannu, amantaa abdii godhannu ishee kanadha. Ittiin jiraannas, duunas, fedha Waaqayyoodhaanis ittin kaana."

(Kitaaba Abbootii Amantaa; Abbaa Gabri'eel fuula 412)


"Maariyaam gammachuu guddaa kan caalu isaatiin deesse. Ergaamichi dabale "Ilma ni deessa maqaasaas Amanu'eel jedheen, hiikni isaas Waaqayyo nu wajjin ta'e jechuudha. Lamaffaas lammiisaa cubbuurraa kan fayyisu Iyyesuus jedhama. Humnaaatiin akka nu fayyisuuf cubbuu keenyas akka nuuf dhiisuuf bara baraaf galanni isaaf haa ta'u. Nama kan ta'e isaatiiin Waaqayyo ta'uusaa sirritti isaa beekneera. Dubroo maariyaam irraa dhalachuun Gooftaa hammam nama dinqu? Jecha abbaa kan garaa baattee dhalachuu isaa kan durse hin jiru. Dhalachuusaattis durbummaan ishee hin jijjjiramne. Jechi dadhabbii malee Abbaa irraa bahe ,Dubroo irraas rakkina malee dhalate."
Qulqulluu Efreem


Baga geessan .


Baga ittiin nuu gahe .

"Qulqulloota hundumaa keessaa qulqulluun sidha. Akkuma Taabota muka daanoon hin nyaannerraa tolfamtee, warqeedhaanis akkuma midhagdee, gatiinsaas guddaa kan ta'e inquu (Albuuda ulfaataa) calaqqisuun akkuma dibamee taatee mana qulqullummaa keessa jiraachuuf kan filatamte dubroon sidha. Akkana taatees mana qulqullummaa keessa jiraatte.
Ergamoonni si samiis yeroo hundumaa nyaata kee siifidu ture. Akksiitti Ergamoonni si tajaajilaa waggaa kudha lama jiraatte. Kan ati dhugdus dhugaatii jireenyaati ture, nyaanni kees nyaata samii ture. Abbaan kee Daawit masanqoodhaan si galateeffate. Afuura qulqulluun guutamee baganaa rukuchaa raajiidhaan, "Yaa mucaa koo dhaga'i, gurra kees as-qabi fira keefi mana Abbaa kee irraanfadhu, mootichis midhagina kee jaallateera, inni Gooftaa keedha'oo, Isaafis sagadi ni sagaddaafis" Far. 45:9-10 jedhee faarfate."
Qulqulluu Yaareed


"Isheen Qulqullootafi Phaphaasota hundumaa biratti arjaadha, kan isaan tajaajila deessettifi'oo, raajootafis kan isaaf raajii dubbatan deessettifi'oo, duuka bu'ootafis maqaasaatiin hanga handara addunyaatti kan barsiisaniif deessettifi'oo, Wareegamtoonnifi amantoonni kan isaaf qabsuura'an,baay'inni kennaa ogummaasaa kan hin beekamne.Iyyaasuus Kiristoos Isheerraa dhalatee'oo,baay'ina dhiifamasaa qorannee haa barru, dhufee nu fayyiseerra'oo."
Qulqulluu Efreem


"Yaa giiftii keenya Durboo Waaqa deesse, ati kan filataman keessaa kan filatamte bultoo Waaqummaati. Uummamtoota hundumaarraa kan kabajamte, yaa Maariyaam Abbaan kan si jaallate, Ilmi si keessa bule, Afuurri Qulqulluunis sirra boqote jedhamte. Ati lafarratti Ariyaam kan taate, anga'oof iddoo Ariyaam kan bakka buute sidha. "
Qulqulluu Yaareed


"Qulqullootarra bulee kan jiraatuu Waaqayyo nu fayyisuuf Dubroo adda taaterraa nama ta'e. Kottaa dinqii(raajii ) kana ilaalaa. Iccitii nuuf mul'ateefis Galata galchaa; Nama ta'uu kan hin mallee nama ta'eeraa; Jechis Foon uffateera. Foon durdurummaa hin qabne kan duriifi dursa ta'e; Waaqummaan barri hin lakka'amneef baratu lakka'ameef. Kan hin beekamne ifa ba'ee.Dhugumatti ilmi Waaqayyoo nama ta'e. Duraan kan ture har'as kan jiru, yoomiyyuu kan jiratu Iyyesuus Kiristoos akka isaaf sagannuufi galateeffannuuf inni Waaqa tokkodha."
Qulqulluu Efreem

20 last posts shown.

819

subscribers
Channel statistics