Sona Walaloo


Гео и язык канала: не указан, не указан
Категория: не указана


Kaleessarra taatee boruun suuressitee
Gonka adda taatee har'aanis argattee
Boruun irra geessee duubatti yoo yaadduu
Kaleessa yoo taatu
Ishee namat toltuu kan itti gamadduu
@lamita1

Связанные каналы

Гео и язык канала
не указан, не указан
Категория
не указана
Статистика
Фильтр публикаций


Karaa lafa jalaan dhoksee si ilaalaa
Sitti osoo hin hiqin adaamatii halaalaa
Ishee eeshiyaa jirtuuf fagoo biyya alaa
Dhandhamachaan jira dhiittaa kee jaalalaa
Waadan si eeggadhee onnee koo banadhee
Xiiqii kan keetinan kaayyoo koo dagadhee
Jaalala keef jedheen hunda irraanfadhee
Gaabbin ana waaddee quba kan koo nyaadhee
Dubbiin isaa abjuudha reefuman hubadhee!!
Barreesse: lammaa(@lamita1)
@sabkoofan


BAACOO AJAA'IBAA
==================== =======
Gurbaa dhiiraa tokkotu mucayyoo takka jaalatee
manasaanii yoo deemu isiin abbaa waliin mana
isaanii bira jirti.
INTALA : obboleesso maal barbaada dhufte?
GURBAA : kitaaba 'shall we meet' jedhu
barbaadeen dhufe, ni qabdaa?
INTALA : dhiifama isa hin qabu garuu kitaaba 'wait
me at the door i will come' jedhu qaba.
GURBAA : garuu isa anillee nin qaba,kitaaba 'ok do
it faster please' jedhamuhoo qabdaa?
INTALA : eeyyee isaafii kitaaba 'ok my sweet'
jedhus nin qaba jetteen.
ABBAA ; intala tiyya kitaaba kana mara kan
dubbistu taanaan baayyee cimtuudha, barana
1ffaa ba'uu hin ooltu...Garuu kitaaba tokko
irraanfatte malee.
INTALA : kitaaba kam abbaa koo?
Abbaa: kitaaba isa I am not stupid I can
understand everything'
kan jedhu dagatte malee...
ja'een... jedhama...
Qoosaa itti aanu argachuuf @sabkoofan join godha


Dabummaan keenya miti
Abbuma isaatiif galchaa
Hanga ani beekutti
Orom oon goota dhalcha!
#Eeliyaas


Jaalala

Ani Muka
manako ijaarrannaan
ani suman fuudha
ati najaallannaan.
_
Jaalala dhugaatu
bultiif barbaachisaa
haalli bareedan keemmo
ittu na gammachisa.
_
sinsinni miti beeki
an maran si jaalladha
sindhoksu keessako
dhugaasan sitti himadha.

@sona - walaloo


Yeroonis ni loogdi
nama gargar baaftee
tokko gooftaa gooti
tokko garba gootee
guyyaan maaliif loogaa?
waan hamaa deeggaree
muka jigeetti silaa
qottoon baay'ataree?
gaaf tokko leellisee
gaafis kan abaaruu
argachuuf dhabuunis
harka guyyaa jiru
isatu aangoo qaba
caalee waan hundumaa
guyyaatu murteessa
hiree ilma namaa
isatu ajjeessa
isa du'aa kaasa!








Egaa siif hin boo'u!
......?................................
kafana hin qabu ofirraa
sitti uwwisee qullaan jira
hoollannaan kee na dhiphisee
sitti ho'ise ofii dhiisee
an ammayyuu nan dhaamodha
qullaatti hafuu koon saalfadha
sumaaf jecha gad of buusee
kabaja koon siif salphise
.......................................
gaanfa abban cabse
ormi ija jaamsa
ani siifan boo'aa
ati ormaaf boossa
isan.....
kafana koo baasee
qullaa kee siif dhokse
dhaamoochaa fi qorra
na hafuursu obsee
gaarummaa koo kana
gowwumaatti deebisee
situ na arrabse
utuun siif jiraadhuu
kabaja jibbitee
orma boossu sanaaf
atiis nii salphatte
waaqa gatii baasu
dhugaatu farade
egaa siif hin boo'u
of hin cabsu gaddee! Barreessaan: lamikiya @sabkoofan


🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁
♦️Amazing channels in Oromia that you must join📍
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹

@Orosarcasm
Koflaa fi kofla qofa, ilkaan kee qofa qulqulleessu sirra egama guyyaa Gutuu koflaan afaan banaa olta

@OromoDj
Official Channels sirboota Afan Oromo Harawa fi kan duri argachuuf

@Gadaapost
Wa'ee Gadaa fi Oduu simbirtuu

@Qeerroohaaromsaaharmee
Oduu simbirtuu Biyya keessa fi Biyya alaa Argachuuf.

@healthytip_11
Get daily Motivation and Inspiration quote with image

@jechotagaggaarii
Gorsa fi Jechoota Gagagaarii argachuuf

@orosoft
Software Afan oromoo oduuf odeffannoo Teeknolojii fi Barnoota gara garaa

@sennaasa
Asoosama, seena fi walaloo

@sabkoofan
Walaloo Adda addaa argachuuf

@oromocul
Now "Our Devotions are on"
A new beginning setting by Qeerroo Let us stand together

@BIAOTG
Vidiyoole sportii fi Oduu sportii biyya keessa, biyyaa alaa akkasumas tamsaasa kallatti

@ofiifofiin
Bashanana fi Qophilee Adda addaa

@animuslima
Nashiida fi Gorsa Garagaratiif

@scholarship2
To get information about scholarships.

@seenaajaalalaa
Wa'ee jaalalaa fi Gorsa jaalalaa

@Fayyaadargaggootaa
Wa'ee fayyaa dargagoota fi gammachuu fayyaa

@Onnen1RJ
Jachoota Jaalalaa fi Gorsa Jaalalaa dhugaa

@QophiiBashannanaa
ODUU,Tapha, Fi bashanana adda addaa.

@kitaabaqulqulluu
Barnoota Amantaa

@orosport
Oduu isportii

@muslimcentercom
Wa'ee Amantaa Muslima Baruuf
@Ortodoksiidhugaa
Barnoota wa'ee amantaa Orthodox fi wangeela

@oromobeauty
Suraalee mimidhagoo

@dhalootahaara
Oduu fi Bashanana garagara

@Jaalalaafwalaloo
Walaloo Adda addaa argachuuf

👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥
GROUP THAT U MUST JOIN

@Haramayauniversity
Suggested Group for H.U students

@mettu_university
Suggested Group for mettu university students
👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦
Other groups
@Waltajji_Walaloo
@salamdawagroup
@oromoo
@qubeegroup
@Borenaoromiya
@seenagotootaoromonunlo
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
Powred by
💀:@oromiapromobot
&
If you need to promote your channels click hare
👇👇👇👇👇👇👇👇@Oromiapromotion


Duuba Na Hamatin!
anis nama akka kee
kan lubbuu fi foon qabu
seelii fi tishuu hodhee
walitti qabee ribuun
akkuma keen buddeen nyaadha
miira namummaa hundan baadha
kolfis boo'ichiis na qaba
gammachuu fi gaddiis na qaqqaba
gaafii argadhee gaafiis dhabaa
kolfees bo'ees narra darba
humnas fixee jilban laafa
yaadees geessifachuun hafa
nama akka keeti ani
kan dhiphinnii fi gaddi miidhu
abdii kutee kan mudhuku
waraanamnaan dhiigi cobu
rukutamnaan lafeen cabu
dogoggoraa kan jiraatu
waan balleessetti of komatu
yoo gorfamees kan sirratu
miti ergamaa waaqaa
waan hundumaan guutuu
mudaa baay'een qaba
kan bakkeetti mul'tu
anatti himii sittan hima
dhoksitee garaatti hin baatin
yarinni koo fi balleessan koo
ni sirrata gorsa keetin
foonii fi lubbuun utuun jiruu
ana duuba na hin hamatin
namni foonii......................
har'a argamee bor dhabama
utuu deemuu lafa dha'a
waan hundumaa dhiisee du'a
qullaa dhufee qullaa deema
maaltu duukaa awwaalamaa?
hamiin faana boolla hin bu'u
gorsas komiis hin dhaga'u
gabbuus sirrachuu hin danda'u
hafuuratu keessaa yaa'a
foon deebi'ee biyyoo ta'a
dhagaa baatee rirmi nyaata
adabbiisaa ni fudhata
utuun foonii fi lubbuun jiruu
waan baay'eedha kan na qoru
hin hankaadhu dogoggoruu
kufee ka'uu gatantaruu
mucucaadhee lafa dha'uu
dhalannaan hin hafu du'uu
anatti himi sittan hima
dhoksitee garaatti hin baatin
yarinni koo fi balleessaan koo
ni sirrata gorsa keetin
foonii fi lubbuun utuun jiruu
ana duuba na hin hamatin
........by lamiko @sabkoofan




…………..Baataa Waadaa…………….
Qabsoo xiiqii qabsoo kaayyoo
Galmaan ga’uuf dhaamsa aayyoo
Nan danda’aaf baatee daboo
Milkeessudhaaf hawwii aabboo
Ciniinsuu kee dandeessetoo ni miixattaa
Boqannaa hin jettu ni jarjartaa ni hiixattaa
Baataa waadaa aabboof aayyoo
Finiinsitee qabsoo xiiqii qabsoo kaayyoo
Obsiteetoo gubaa keessaa gubaa alaa
Lafa keessee isa ta’uuf dubbii falaa
Miiraa miti dandeettii cimaadhan madaaltaa
Tarsiimoon deegartee tarsiimon dabaaltaa
Gaarii baruuf tattaafattaa ni shaakaltaa
……..har’a garuu………………………………….
Namni dhufeef laaltee hin dhufnee
Xiiqiin deemtaa sodaan hin kufnee
Itti fufaa imalli kee hin daanga’uu
Ni jabaataa onneen kan kee tasaa na’uu
Hin gaddituu yoom gadjettee laafaa kaastaa
Hin sodaattuu irra ejjetteet hattuu baastaa
Si bulchanis istaadiyeemii halkan guutuu
Osoo hin milkeessin kaayyoo atuu hin duutuu
Qabda waadaa aabboof aayyoo
Imalli kee isa xiiqii isaa kaayyoo
Lafeen cabee galmi kan kee diigamullee
Kaayyoo kan kee cabsuuf yaalamullee
Hin danda’amuu dhugaa hin moo’uu dharri
Soda hin qabuu gadi hin jedhu kan kee nyaarri
Nu sodaachisuu yaa dhiisu kana beekee jarri

Kutaa 2ffaan @sabkoofan itti fufa
Barreesse: Lemma Tesfaye @lamita1
Credit: ASTU 2008-2011 class students


🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁🍂🍁
♦️Amazing channels in Oromia that you must join📍
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@Orosarcasm
Koflaa fi kofla qofa

@OromoDj
Official Channels sirboota Afan Oromo Harawa fi kan duri argachuuf

@Gadaapost
Wa'ee Gadaa fi Oduu simbirtuu

@Qeerroohaaromsaaharmee
Oduu simbirtuu Biyya keessa fi Biyya alaa Argachuuf.

@healthytip_11
Get daily Motivation and Inspiration quote with image

@oromotech
To know about technology in Afaan Oromo

@orosoft
Software Afan oromoo oduuf odeffannoo Teeknolojii fi Barnoota gara garaa

@sennaasa
Asoosama, seena fi walaloo

@sabkoofan
Walaloo Adda addaa argachuuf

@oromocul
Now "Our Devotions are on"
A new beginning setting by Qeerroo Let us stand together

@BIAOTG
Vidiyoole sportii fi Oduu sportii biyya keessa, biyyaa alaa akkasumas tamsaasa kallatti

@ofiifofiin
Bashanana fi Qophilee Adda addaa

@animuslima
Nashiida fi Gorsa Garagaratiif

@scholarship2
To get information about scholarships.

@seenaajaalalaa
Wa'ee jaalalaa fi Gorsa jaalalaa

@Fayyaadargaggootaa
Wa'ee fayyaa dargagoota fi gammachuu fayyaa

@Onnen1RJ
Jachoota Jaalalaa fi Gorsa Jaalalaa dhugaa

@QophiiBashannanaa
ODUU,Tapha, Fi bashanana adda addaa.

@kitaabaqulqulluu
Barnoota Amantaa

@orosport
Oduu isportii

@Ortodoksiidhugaa
Barnoota wa'ee amantaa Orthodox fi wangeela

@oromobeauty
Suraalee mimidhagoo

@dhalootahaara
Oduu fi Bashanana garagara
👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥👥
GROUP THAT U MUST JOIN

@Haramayauniversity
Suggested Group for H.U students

@mettu_university
Suggested Group for mettu university students
👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦👩‍👩‍👧‍👦
Other groups
@Waltajji_Walaloo
@salamdawagroup
@oromoo
@qubeegroup
@Borenaoromiya
📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌📌
Powred by
💀:@oromiapromobot
&
If you need to promote your channels click hare
👇👇👇👇👇👇👇👇@Oromiapromotion




Har'a reefun bare
...............................
yeroonsaa har'a miti
yeroo mucummaa koo
yeroo hin dhoksanne
beekeellee qullaa koo
yeroon kufee ka'u
yeroon gatantaru
yeroon of hin barre
yeroottan kurkuru
yeroon dhagaa daaku
yeroon dhoqqee borcu
yeroon tapha hin quufne
yeroon iyyee wacu
jaaalala qulqulluu
jaalala ijoollummaa
keessa kootii har'a
natti dhaga'ama
yeroonsaa darbeera
ta'e anis dardaraa
yaada naanneeffadhee
amma naaf galeera
biyya itti guddadhe
taa'ee dhoqqee borcee
hirriyyee koo wajjiin
haasa'ee iyyee wacee
sheekkoo fi oduu durii
hibboo fi mamaaksa
walitti odeessinee
wal bashannansiisaa
bosonaa fi daggala
keessa horii tiksaa
maqaa mukkeewwaniis
baruuf wal gaafachaa
kun birbirsa,hoomii,
bakkanniisa jechaa
tulluu irra teenyee
simbirroos daawwachaa
marga keessa kufaa
irras gangalachaa
sagalee bineensaa
dhageenye akkeessaa
wal ariinee qabnee
dahoottis wal dhoksaa
osoo nu hin beekin
haasoon nu mararee
jaalala jalqabnee turre
garuu har'a reefun bare
jaalala qulqulluu
jaalala ijoollummaa
keessa kootii har'a
natti dhaga'ama!


Репост из: Oromo?fun and NEWS
Taksii keessati na ciina teese mastika(hanca)
Yeroo dhoostu tokko yoo mal jedheen gaarii siti fakkate



''Obboleeti afaan kee keessa partii meeshaa hin hiikatiini jira saah?''🤔

😂😂😂
🔴⚫⚪Join us; ▒▓⇨→@sikomando
🔴⚫⚪Join us; ▒▓⇨→@sikomando


Love your mother
You will never get another! Biyya nagaa jiruun maalidhaaf rifattaa?
Siifan walaleessa dubbisuu hifattaa?
Harmee
_+_
Hojii manaa guddaan ati narraa qabdu
Kanaafan si faarsa galata kee hin dhabdu
Ji'a sagal guutu garaatti na baatte
Guyyaa dhaloota koos ciniinsun dirqamte
Kafalee hin xumuru isa guyyaa sani
Seenarran dhagaye isa hin beeku ani
Daa'imummaa keetin na da'uuf cinqamtee
Akka fira dhabduu kophaa ke dirqamte
Ammaan booda egaa ano si'if jira
Milkaa'ina kiyyaan si'inan tirtira
Deessu kooti jedhe amman si dhaqabaa
Yoommiyyu hin kuftu harka keen si qaba
Dhiiga kan keetitu na keessaa dubbata
Ciniinsuu kan keetin garaan na gubata
Seenaa kee si boonsa ilma kee kaasa
Galata keen hima lammiiffan gabaasa
Injifachaat turte takkallee yoom kufte
Na guddifachuuf jecha dafqa kee xuruurte
Kan duraan hin kufne ammaan booda hin ta'u
Lammiifan dubbadha firri yaa dhaga'u
Ofii kee beeloftee ana na nyaachifta
Kan keeti rakkattet ana qananiifta
Osoon kana arguu mee maal jedhe taa'u
Yoon kafaluu badhees gosti yaa dhaga'u
Kana yoon yaadadhu garaan koo na dhiiga
Harka kee si qabuuf saffisaanan fiiga
Galata keen hima seenaa keen odeessa
Si obsuun dadhabe kanafan barreessa
Ulfina keen ibsa maqaa keen olkaasa
Soba hin dubbadhu haqa jirun baasa
Harme kabajamtu giifti bara baraa
Jaalallin siif qabu yeroo hunda haaraa
Nagaaf fayyaa ta'i bobba'itii galii
Gufuun sin dhayinii milkaa'i ofkalii
Mucaa akkanat qaba jedhii anaan boonii
Si dhoksuu hin barbaadu situ anaf foonii
Nagaaf tasgabbiin sirraa hin fagatin
Ilmaa kee Lamita(Lemma Tesfaye)
from ASTU class of z year!
Qeeqa fi yaada keessan naaf qooda!
________caamsaa___2___2008__

lakkoofsa biyya kanaatin!
join @sabkoofan comment @lamita1




Ni lagatte waadaa galtee
Maqaa baasuyyuu eegaltee
Ni kakatte soba jechaa
Duuba kan koos summii keechaa
#cooming-soon @sabkoofan
@lamita1

Показано 20 последних публикаций.

3 460

подписчиков
Статистика канала